2. Miseensota

Hoji geggeessaan AgUnity Co-op dhaabbanni odeeffannoo miseensotaa yookan miseensota dhaabbataa caasaa dhaabbataa armaan gadii keessatti kaa’aman ilaaluu fi to’achuu kan dandeessisuudha.

2.1 Daataa Miseensaa

Dirreewwan AgUnity istaandardii miseensotaa akkaataa armaan gadiitiin ibsamee jira. Dhaabbanni keessan dirreewwan ofii piroofaayilii irratti yoo dabale maaloo hiikaawwan dirreewwan kanneeniif dookumenteeshinii isaanii wabeeffadhaa.

Dirreewwan miseensota istaandardii

Maqaa dirree
Akkaataa fayyadamaa

Maqaa

Maqaa, maqaa abbaa fi akaakayyuu miseensaa

Itti beekama Miseensaa

Itti beekama AgUnity addaa miseensotaa, kunis ofumaan siistamaan kan baafamuudha.

Saala

Saala miseensaa, Gatiin isaa dhiira(M), dubartii(F) yookan kan biroo(O) ta’a.

Bara dhalootaa

Bara miseensi dhalate(ykn bara tilmaamaan)

Umrii

Umrii miseensaa akkaataa guyyaa dhalootaa yookan tilmaama guyyaa dhalootaatiin herreegame

Magaalaa/Ganda

Magaalaa yookan ganda miseensi keessa jiraatu

Koordineetiiwwan GPS

Jechi “Captured” jedhu yoo koordineetiin GPS qonna yookan daldala miseensaa waliin walqabatu jiraate ni mul’ifama

Olka’iinsa (Meetiraan)

Olka’iinsa qonna yookan daldala miseensaa, yoo beekame

Haala piroofaayilii

Kunis kan agarsiisu “Active” ykn“Inactive”, akkaataa haala miseensichi dhaabbata waliin qabu irratti hundaa’udhaan.

2.2 Gabatee miseensaa Ilaali

Tarree miseensota dhaabbata keessanii ilaaluudhaaf, kutaa menu cinaa bitaa Data Management jedhu keessatti Members irratti cuqaasaa. Kunis gabatee dirree durtii dhaabbata keessanii qabu agarsiisa.

(Hub: dhaabbata baay’eef qaqqabamummaa yoo qabaattan, breadcrumb menu fuula cinaa bitaa gubbaa irraa fayyadamuudhaan msieensa kamii ilaaluu akka barbaaddan filachuu qabdu. Kana irratti odeeffannoo dabalataa argachuudhaaf Change organizations wabeeffadhaa. )

Daataawwan fuula irra darbanii jiran ilaaluudhaaf ol, gad, bitaa fi mirgatti harkisuudhaan ilaaluu dandeessu.

Gabatee miseensaa ilaalaa [Suur-sagalee]

2.3 Gabatee Miseensaa Addaan Baasuu

Gamtaa keessaa miseensota muraasa barbaadudhaaf olee kamiyyuu irratti barbaacha raawwachuu dandeessu. Kana raawwachuudhaaf:

  • Menuu cinaa bitaa kutaa Data Management keessatti members irratti cuqaasaa.

  • Dhaabbata baay’eef qaqqabamummaa yoo qabaattan, breadcrumb menu fuula cinaa bitaa gubbaa irraa fayyadamuudhaan kan miseensa kamii ilaaluu akka barbaaddan filachuu qabdu. Kana irratti odeeffannoo dabalataa argachuudhaaf Change organizations wabeeffadhaa.)

  • Menuu breadcrumb armaan gadii irratti Filters irratti cuqaasaa.

  • Column barbaaduuf barbaaddan dirree duraa keessaa filadhaa

  • Condition keessa barbaaduuf jettan dirree lammaffaa barbaachaa keessaa filadhaa

  • Value barbaaduuf feetan dirree sadaffaa barbaachaa keessaa filadhaa yookan dabalaa

  • Yoo barbaaddan Add filter rule irratti cuqaasuudhaan barbaacha dabalataa dabaluu dandeessu.

  • Barbaachawwan keessan hunda yeroo ibsitanitti batanii Apply Filters jedhu irratti cuqaasaa.

Barbaacha haquudhaaf X itti aanee jiru irratti cuqaasaa, sana booda batanii Apply Filters irratti cuqaasaa

Barbaacha hunda haquudhaaf Clear All irratti cuqaasaa, sana booda batanii Apply Filters irratti cuqaasaa

Gabatee miseensotaa keessaa barbaaduu

2.4 Dhaabbata jijjiiruu

Yeroo miseensa mul’isa gabatee taatanitti dhaabbata ilaaltan organization breadcrumbs menu gubbaa cinaa bitaa fayyadamuudhaan jijjiiruu dandeessu. Kana taasisuuf:

  • Qabiyyeewwan breadcrumb rogsadeewwan xixiqqoo olii/gadi garagalan ofirraa qabu irratti cuqaasaa.

  • Itti beekama dhaabbata isin ilaaluu barbaaddanii keessatti barreessaa yookan menu ol mul’ifamu fayyadamuudhaan itti ce’aa.

Dhaabbata jijjiiruu[suur sagalee]

2.5 Daataa Miseensaa Baasuu

Daataa miseensota dhaabbataa hundaa baasuudhaaf:

  • Kutaa menu cinaa bitaa Data Management keessaa Members irratti cuqaasaa.

  • Dhaabbata baay’eef qaqqabamummaa yoo qabaattan, breadcrumb menu fuula cinaa bitaa gubbaa irraa fayyadamuudhaan miseensa kamii baasuu akka barbaaddan filachuu qabdu. Kana irratti odeeffannoo dabalataa argachuudhaaf Change organizations wabeeffadhaa.)

  • Gabatee miseensaa karaa mirgaa jiruu olitti kebab menu (…) irratti cuqaasaa

  • Kuusaa keessan keessatti faayila csv buufachuudhaaf Download all filadhaa. Yoo daataan baay’een jiraate filannoon buufachuu jiraachuu dhabuu danda’a. Yeroo kuni ta’utti Email csv with all filachuudhaan daataa eenyummeessa Imeelii isin seentanii jirtanitti erguu dandeessu.

Daataa miseensota dhaabbataa muraasaaf baasudhaaf:

  • Kutaa menu cinaa bitaa Data Management keessaa Members irratti cuqaasaa

  • Dhaabbata baay’eef qaqqabamummaa yoo qabaattan, breadcrumb menu fuula cinaa bitaa gubbaa irraa fayyadamuudhaan miseensa kamii baasuu akka barbaaddan filachuu qabdu. Kana irratti odeeffannoo dabalataa argachuudhaaf Change organizations wabeeffadhaa.)

  • Saanduqa maqaa isaanitti aanee jiru sakatta’uudhaan miseensa daataa isaanii buusuu barbaaddan filadhaa.

  • Gabatee miseensaa karaa mirgaa jiruu olitti kebab menu (…) irratti cuqaasaa

  • Kuusaa keessan keessatti faayila csv buufachuudhaaf Download selected filadhaa

Faayiloota csv Excel yookan pirogiraamii Ispireedshiitii biroo kamiyyuudhaan banuu dandeessu.

Menuu buufachuu

2.6 Daataa miseensota tokkoon tokkoo ilaaluu fi fooyyessuu

Gabateen miseensaa guduunfaa daataa miseensaa kan kennuudha. Daataa miseensaa hunda ilaaluudhaaf:

  • Kutaa menu cinaa bitaa Data Management keessaa Members irratti cuqaasaa.

  • Dhaabbata baay’eef qaqqabamummaa yoo qabaattan, breadcrumb menu fuula cinaa bitaa gubbaa irraa fayyadamuudhaan miseensa kamii baasuu akka barbaaddan filachuu qabdu. Kana irratti odeeffannoo dabalataa argachuudhaaf Change organizations wabeeffadhaa.)

  • Miseensa daataa isaa ilaaluu barbaaddan maqaa isaanii irratti cuqaasuudhaan yookan iddoo dagalee gabatee kamiyyuu keessatti(saanduqa sakatta’insaa malee) irratti cuqaasudhaan filadhaa.

  • Inni kun ibsa bal’aa eenyummeessa dhuunfaa miseensotaa agarsiisa. Seenaa miseensa isaanii ilaaluudhaaf

  • Kunis ibsa eenyummeessa dhuunfaa miseensotaa agarsiisa. Profaayilii miseensa isaanii ilaaluuf, sajoo Member Profile, Personal Account gaditti argamu irratti cuqaasaa.

Heyyema sirreessuu miseensaa yoo qabaattan dirree Personal Account keessatti argamu yookan Member Profile sirreessu dandeessu. Jijjiirrama raawwattan erga xumurtanii booda batanii Save jedhu irratti cuqaasuudhaan kuusaa AgUnity irratti haala nageenya qabuun galmeessuu dandeessu.

Hiikaan dirreewwan AgUnitiy kutaa member data sanada kanaa keessatti argama.

Waa’ee Miseensaa

2.7. Miseensa Haaraa Dabalu

Co-op’tti miseensa haaraa dabaluuf:

  • Kutaa menu cinaa bitaa Data Management keessaa Members irratti cuqaasaa.

  • Dhaabbata baay’eef qaqqabamummaa yoo qabaattan, breadcrumb menu fuula cinaa bitaa gubbaa irraa fayyadamuudhaan miseensa dabaluu akka barbaaddan filachuu qabdu. Kana irratti odeeffannoo dabalataa argachuudhaaf Change organisations wabeeffadhaa.)

  • Baafata fuula cinaa mirgaa gubbaa irratti Add New irratti cuqaasaa.

  • Mul’ina argamu irratti, Co-op sirrii irratti miseensa dabaluu keessan mirkaneessudhaan batanii Add jedhu irratti cuqaasaa.

  • ① Create account irratti cuqaasaa, sana booda dirree barbaadamu taabii personal detail irratti guutaa(ibsa dirreetiif kutaa daataa miseensaa ilaalaa)

  • ② Set up profile irratti cuqaasaa, sana booda dirree taabii pirofile details jedhu yoo jiraate guutaa(ibsa dirreetiif kutaa daataa miseensaa ilaalaa.

  • ③ Summary irratti cuqaasudhaan dogoggoraa fi ofeeggannoowwan xinxalaa.

  • Dogoggorawwan hunda (diimaadhaan agarsiifaman) fi ofeeggannoowwan(keelloodhaan agarsiifaman) qaqqabamuu qabu jettan sirreessaa.

  • Erga dirreewwan dirqama ta’an 100% guutamanii booda batanii Save jedhu cuqaasuudhaan dogoggorri hundi ni sirreeffama. Galmeen miseensa haaraa yeroo galmeeffamu uumama.

Miseensa dabaluu, Tarkaanfii ①

2.8 Miseensa heyyemuu fi dhorkuu

Yeroo miseensi gamtaa gadhiisanitti kan dhorkaman yoo ta’u yeroo deebifa’an akka fayyadaman heyyemamaaf, kana raawwachuudhaaf:

  • Kutaa menu cinaa bitaa Data Management keessaa Members irratti cuqaasaa.

  • Dhaabbata baay’eef qaqqabamummaa yoo qabaattan, breadcrumb menu fuula cinaa bitaa gubbaa irraa fayyadamuudhaan miseensa kamii akka heyyemuu yookan dhorkuu barbaaddan filachuu qabdu. Kana irratti odeeffannoo dabalataa argachuudhaaf Change organisations wabeeffadhaa.)

  • Saanduqa maqaa isaanitti aanee jiru irratti cuqaasudhaan miseensa heyyemuu yookan dhorkuu barbaaddan filadhaa.

  • Baafata kebab menu (…) gabatee miseensaan ol gama mirgaan argamu irratti cuqaasaa.

  • Deactivate members ykn Activate members, tarkaanfii fudhachuu barbaaddan irratti hundaa’udhaan filadhaa.

Miseensa dhorkuu

Last updated

Was this helpful?