1. Bu’uusa hoji geggeessaa CO-OP
Baga nagaan gara Maxxansa Beetaa 0.6
Galmi hoji geggeessaa Co-Op waldaan qonnaan bultootaa bultoonnii fi horsiisota qurxummii miseensa, daataa dhaabbataa fi hojjetaa to’achuuf, jijjiirraawwan bulchuuf fi miseensota isaaniitiif tajaajila haala salphaa fi nageenya eeggateen dhiyeessuu akka danda’aniidha.
Gadhiisni jalqabaakun qabiyyee hooggansa miseensotaa qofa qaba.
Barbaachaaf fi qabiyyeewwan fayyadama hoji geggeessitota CO-OP tarree cinaa bitaa gubbaa jiru fayyadaa; yeroo gargaarsi barbaachisaa ta’etti sanada kana wabeeffadhaa.
Qabiyyee fayyadama sanada kana keessatti ibsame yoo argitan irratti hoji geggeessaa Co-op yoo hin argitan ta’e tarii heyyema barbaachisu yookan heyyema qabiyyee fayyadama sanaa hin qabdan ta’a.
Maaloo ibsa dabalataaf bulchaa siistamaa biyya keessanii dubbisaa.
Qabiyyee fayyadamaa haaraa dabalaa, kutaa deeggarsaa kana idileedhaan babal’isaa adeemna. Kanaaf, hoji geggeessitoonni Co-oP fedhii keessan guutuudhaaf akkamitti guddachaa jiru ilaaluuf darbee darbee deebi’aa; maaloo gadhiisa gara fuulduraa irratti qabiyyeen akka daballu barbaadan yoo jiraate nu beeksisuudhaaf feedback feature fayyadamaa.

1.1 Seenaa
Seenuudhaaf:
• Gara Fuula seensaa AgUnity Co-op Manager deemaa.
• Imeelii fayyadamaa keessan galchaa.
• Jecha darbii keessan galchaa.
• Biatani loogiiinii tuqaa
Fuulli jalqabaa fe’uudhaaf yeroo muraasa akka fudhatu hubadhaa.

Wantoota biroo fuula seensaa irratti raawwachuu dandeessan.
Cinaa gubbaa gama harika mirgaa fuulichaatti afaan fuula Seensaa fi fuula hoji geggeessaa Co-oP jijjiirruudhaan filachiistuu Afaani fayyadamaa
Yeroo itti aanu yeroo fuula kana ilaaltan teessoon Imeelii fi jecha darbii yeroo dhufutti akka tattamaan guutamu yoo barbaaddan saanduqa sakatta’iinsaa filadhaa. Kana kan fayyadamtan Kompitara keessan fayyadamtoota biroo waliin hin qoodattan qofa fayyamamuu qabdu.
Jecha darbii keessan yoo irraanfattan, liinkii jecha darbii irraanffattanii? Jedhu cuqaasaa. Faayidaan isaa kutaa reset password section jedhu armaan gadii jalatti ibsamee jira.
1.2 Jecha darbii haaromsuu
Jecha darbii keessan yoo irraanfattan kanneen armaan gadii raawwachuudhaan haaromsuu dandeessu.
Gara fuula seensaa co-op AgUnity manager deemaa
Liinkii jecha darbii irraanfattanii? Jedhu cuqaasaa. Kun fuula armaan gaditti agarsiifame bana.
Teessoo imeelii fayyadamaa keessan galchaa, sana booda biinkoo jecha darbii foyyessuu jedhu tuqaa.
Kan armaan olii ergaa imeelii liinkii haaromsaa waliin Imeelii isin galchitan irratti erga. Saanduqa ergaa keessan keessatti imeelii yoo hin arganne, foolderii junk/spam keessan sakatta’aa. (Hub: ergaawwan siistamaa yeroo hunda kan argitan ta’uu mirkaneeffadhaa, [email protected] whitelist keessanitti dabalaa)

Imeelii haaromsaa banuudhaan guca haaromsa jecha darbii armaan gadiitti ce’uudhaaf liinkii ergaa keessa jiru irratti cuqaasaa. Asitti wanti isin gootan:
Jecha darbii yaadachuu dandeessan haaraa galchaa. (Yoo xiqqaate dijiitii saddeet kan qabuu fi yoo xiqqaate lakkoofsa tokko, qubee addaa tokko, qubee guddaa tokkoo fi qubee xiqqaa tokko akka qabaachuu qabu hubadhaa)
Dirree Confirm Password jedhu irratti jecha darbii irra deebiin galchaa
Batanii Set New Password jedhu irratti cuqaasaa.
Ergaa milkaa’inaa jechi darbii haala milkaa’aa ta’een haaromsameera jedhu ni argitu. Erga isa argitanii booda gara fuula seensaa deebi’uudhaan teessoo Imeelii fi jecha darbii keessan is haaraadhaan seenuu dandeessu.

1.3 Eenyummeessa Banuu(Unlock account)
Teessoo imeelii keessaniin yaaliin seensaa yeroo 10f walitti aansee yoo kufaa taasifame eenyummeessi keessan sa’aatii 1f cufama. Kun kan uumamuu danda’u yoo jecha darbii keessan irraanfattan yookan yoo namni biraa eenyummeessa keessan fayyadamuuf yaaledha. Yeroo kun ta’utti fuula armaan gadii argitu.
Kun yoo ta’e:
Sa’aatii tokkoof eegudhaan irra deebiin yaaluu, ykn
Jecha darbii keessan haaromsuu (Kutaa reset password section ilaalaa), sana booda jecha darbii haaraadhaan yeroosuma seenaa.

1.4 Afaan hoji geggeessaa Co-oP Jijjiiruu
Afaan hoji geggeessaan Co-op ittiin mul’ifamu jijjiiruudhaaf:
Afaan fuula seenaa fi fuula fayyadama hoji geggeessaa Co-op jijjiiruudhaaf cinaa olii harka mirgaa login page language selector fayyadamaa.
yookan
Profile icon menu gubbaa fuula biraa irra tuquudhaan sana booda language selector irratti cuqaasaa.

1.5 Dubdeebii kennuu (Give feedback)
Feedback menu gubbaa irratti cuqaasudhaan dubdeebii fi gorsa fayyadama fuula haaraa nuuf kennaa.
Yeroo kana raawwattan, gucni kun ol mul’ata. Guca kana irratti:
Fakkii itti quufinsa keessan bakka bu’uu danda’u filadhaa. Fuulli gammadaan magariisa gurraacha ta’e “Baay’ee itti Quufuu” kan bakka bu’u yoo ta’u fuulli diimaa gurraacha’aan “Baay’ee Itti hin quufne” bakka bu’a. Magariisa fi diimaa salphaan walduraa duubaan “Itti quufuu” fi “Itti hin quufne” kan jedhu agarsiisa.
Saanduqa galtee barreeffamaa gubbaa irratti, fuula fayyadamaa caalatti isinitti tole nutti himaa
Saanduqa galtee barreeffamaa aanu keessatti, fuulli fayyadamaa faayidaan isaa xiqqaa ta’e nutty himaa yookan akkaataa meeshaa kana fooyya’aa ittiin taasisuu dandeenyu nu gorsaa.
Yeroo xumurtan, batanii Finish jedhu irratti cuqaasudhaan dubdeebii keessan nuuf ergaa.
Dubdeebii darbee darbee akka barbaaddanitti nuuf kennuu dandeessu. Ji’oota muraasa darban keessatti dubdeebii tokkoyyuu nuuf hin kennineyoo ta’u gucni atattamaan ol mul’ifamee dubdeebii akka kennitan isin gaafata. Yoo guutuuf fedhii hin qabaanne salphumetti X irratti gubbaa harka mirgaa guca kanaa irratti cuqaasaa.

1.6 Sanadoota gargaarsaa argadhaa
Gubbaa menu irratti Help irratti cuqaasaa, sana booda galteewwan kana banuudhaaf Help Documentation irratti cuqaasaa.

1.7 Deeggarsa argadhaa
Yoo rakkoon isin muudate fakkii deeggarsaa gubbaa menu jiru irratti cuqaasudhaan sana booda Support irratti cuqaasuun deeggarsa gaafachuu dandeessu. Kunis guca dhimmicha akkaataa armaan gadiitiin gabaasuu akkaataa armaan gadiitiin isiniif bana.
Menuu gadee keessaa sadarkaa ariifachiisummaa filadhaa
Dhimma isin muudate hamma isiniif danda’ame gadi fageenyaan ibsaa
Batanii Submit irratti cuqaasaa.
1.8 Dhimmoota hubannoo naannoo(Localization issues)
Hoji geggeessaa AgUnity Co-op afaan Ingiliffaatiin ala fayyadamaa jirtu yoo ta’e fi barreeffama afaan Ingiliffaatiin, burjaajessan ykn haala sirrii hin taaneen turjumaaname Iskiriinii irratti yoo argitan dhimmicha gabaasuuf support feature fayyadamaa.
Last updated
Was this helpful?