> For the complete documentation index, see [llms.txt](https://doc.agunity.com/hub-om/llms.txt). Markdown versions of documentation pages are available by appending `.md` to page URLs; this page is available as [Markdown](https://doc.agunity.com/hub-om/1.-buuusa-hoji-geggeessaa-co-op.md).

# 1. Bu’uusa hoji geggeessaa CO-OP

Baga nagaan gara Maxxansa Beetaa 0.6

Galmi hoji geggeessaa Co-Op waldaan qonnaan bultootaa bultoonnii fi horsiisota qurxummii miseensa, daataa dhaabbataa fi hojjetaa to’achuuf, jijjiirraawwan bulchuuf fi miseensota isaaniitiif tajaajila haala salphaa fi nageenya eeggateen dhiyeessuu akka danda’aniidha.

Gadhiisni jalqabaakun qabiyyee hooggansa miseensotaa qofa qaba.

Barbaachaaf fi qabiyyeewwan fayyadama hoji geggeessitota CO-OP tarree cinaa bitaa gubbaa jiru fayyadaa; yeroo gargaarsi barbaachisaa ta’etti sanada kana wabeeffadhaa.

Qabiyyee fayyadama sanada kana keessatti ibsame yoo argitan irratti hoji geggeessaa Co-op yoo hin argitan ta’e tarii heyyema barbaachisu yookan heyyema qabiyyee fayyadama sanaa hin qabdan ta’a.

Maaloo ibsa dabalataaf bulchaa siistamaa biyya keessanii dubbisaa.

Qabiyyee fayyadamaa haaraa dabalaa, kutaa deeggarsaa kana idileedhaan babal’isaa adeemna.  Kanaaf, hoji geggeessitoonni Co-oP fedhii keessan guutuudhaaf akkamitti guddachaa jiru ilaaluuf darbee darbee deebi’aa; maaloo gadhiisa gara fuulduraa irratti qabiyyeen akka daballu barbaadan yoo jiraate nu beeksisuudhaaf [feedback feature](#id-1.5-dubdeebii-kennuu-give-feedback) fayyadamaa.

Iskiriinii duwwaan meenuu bitaa fi gubbaa agarsiisu

## 1.1 Seenaa

Seenuudhaaf:

•         Gara Fuula seensaa [AgUnity Co-op Manager](https://hub.agunity.com/login) deemaa.

•         Imeelii fayyadamaa keessan galchaa.

•         Jecha darbii keessan galchaa.

•         Biatani loogiiinii tuqaa

Fuulli jalqabaa fe’uudhaaf yeroo muraasa akka fudhatu hubadhaa.

Iskiriinii seensaa

Wantoota biroo fuula seensaa irratti raawwachuu dandeessan.

* Cinaa gubbaa gama harika mirgaa fuulichaatti afaan fuula Seensaa fi fuula hoji geggeessaa Co-oP jijjiirruudhaan filachiistuu Afaani fayyadamaa
* Yeroo itti aanu yeroo fuula kana ilaaltan teessoon Imeelii fi jecha darbii yeroo dhufutti akka tattamaan guutamu yoo barbaaddan saanduqa sakatta’iinsaa filadhaa. Kana kan fayyadamtan Kompitara keessan fayyadamtoota biroo waliin hin qoodattan qofa fayyamamuu qabdu.
* Jecha darbii keessan yoo irraanfattan, liinkii jecha darbii irraanffattanii? Jedhu cuqaasaa. Faayidaan isaa kutaa [reset password section](#id-1.2-jecha-darbii-haaromsuu) jedhu armaan gadii jalatti ibsamee jira.

## 1.2 Jecha darbii haaromsuu

Jecha darbii keessan yoo irraanfattan kanneen armaan gadii raawwachuudhaan haaromsuu dandeessu.

* Gara fuula seensaa co-op [AgUnity manager ](https://hub.agunity.com/login)deemaa
* Liinkii jecha darbii irraanfattanii? Jedhu cuqaasaa. Kun fuula armaan gaditti agarsiifame bana.
* Teessoo imeelii fayyadamaa keessan galchaa, sana booda biinkoo jecha darbii foyyessuu jedhu tuqaa.

Kan armaan olii ergaa imeelii liinkii haaromsaa waliin Imeelii isin galchitan irratti erga. Saanduqa ergaa keessan keessatti imeelii yoo hin arganne, foolderii junk/spam keessan sakatta’aa. (Hub: ergaawwan siistamaa yeroo hunda kan argitan ta’uu mirkaneeffadhaa, *<no-reply@agunity.com>* whitelist keessanitti dabalaa)

Guca jecha darbii dagachuu

{% hint style="info" %}
Jecha darbii irraanfattanii?

Imeelii eenyummeessaa banuudhaan guca jecha keessan waliin walqabatu galchaatii Imeelii ajaja jecha darbii haaromsuu qabu isiniif ergina.

Imeelii
{% endhint %}

Imeelii haaromsaa banuudhaan guca haaromsa jecha darbii armaan gadiitti ce’uudhaaf liinkii ergaa keessa jiru irratti cuqaasaa. Asitti wanti isin gootan:

* Jecha darbii yaadachuu dandeessan haaraa galchaa. (Yoo xiqqaate dijiitii saddeet kan qabuu fi yoo xiqqaate lakkoofsa tokko, qubee addaa tokko, qubee guddaa tokkoo fi qubee xiqqaa tokko akka qabaachuu qabu hubadhaa)
* Dirree **Confirm Password** jedhu irratti jecha darbii irra deebiin galchaa
* Batanii **Set New Password** jedhu irratti cuqaasaa.

Ergaa milkaa’inaa jechi darbii haala milkaa’aa ta’een haaromsameera jedhu ni argitu. Erga isa argitanii booda gara fuula seensaa deebi’uudhaan teessoo Imeelii fi jecha darbii keessan is haaraadhaan seenuu dandeessu.

Guca jecha darbii haaromsuu

{% hint style="info" %}
Jecha darbii haaromsuu

Jecha darbii

* Dijitii saddeet kan qabu
* Lakkoofsa 1
* Qubee addaa tokko (fkn ¡, #,@)
* Qubee guddaa 1
* Qubee xiqqaa 1

Jecha darbii mirkaneessaa

Jecha darbii

Jecha darbii haaraa kaa’aa
{% endhint %}

## 1.3 Eenyummeessa Banuu(Unlock account)

Teessoo imeelii keessaniin yaaliin seensaa yeroo 10f walitti aansee yoo kufaa taasifame eenyummeessi keessan sa’aatii 1f cufama. Kun kan uumamuu danda’u yoo jecha darbii keessan irraanfattan yookan yoo namni biraa eenyummeessa keessan fayyadamuuf yaaledha. Yeroo kun ta’utti fuula armaan gadii argitu.

Kun yoo ta’e:

* Sa’aatii tokkoof eegudhaan irra deebiin yaaluu, ykn
* Jecha darbii keessan haaromsuu (Kutaa [reset password section](#id-1.2-jecha-darbii-haaromsuu) ilaalaa), sana booda jecha darbii haaraadhaan yeroosuma seenaa.

Ergaa eenyummeessi cufamuu

{% hint style="info" %}
Eenyummeessi cufame

Eenyummeessi kun sababa yaaliin yeroo baay’ee seenuuf taasifamee kufaa taasifameetiin yeroodhaf cufamee jira. Ejjennoon nageenyaa eenyummeessa kana qaqqabamummaa hin heyyemamne irraa eegudhaaf fudhatameera.
{% endhint %}

## 1.4 Afaan hoji geggeessaa Co-oP Jijjiiruu

Afaan hoji geggeessaan Co-op ittiin mul’ifamu jijjiiruudhaaf:

* Afaan fuula seenaa fi fuula fayyadama hoji geggeessaa Co-op jijjiiruudhaaf cinaa olii harka mirgaa login page **language selector** fayyadamaa.

**yookan**

* **Profile icon menu** gubbaa fuula biraa irra tuquudhaan sana booda language selector irratti cuqaasaa.

Menuu filachiistuu Afaanii walii

## 1.5 Dubdeebii kennuu (Give feedback)

**Feedback** menu gubbaa irratti cuqaasudhaan dubdeebii fi gorsa fayyadama fuula haaraa nuuf kennaa.

Yeroo kana raawwattan, gucni kun ol mul’ata. Guca kana irratti:

* Fakkii itti quufinsa keessan bakka bu’uu danda’u filadhaa. Fuulli gammadaan magariisa gurraacha ta’e “Baay’ee itti Quufuu” kan bakka bu’u yoo ta’u fuulli diimaa gurraacha’aan “Baay’ee Itti hin quufne” bakka bu’a.  Magariisa fi diimaa salphaan walduraa duubaan “Itti quufuu” fi “Itti hin quufne” kan jedhu agarsiisa.
* Saanduqa galtee barreeffamaa gubbaa irratti, fuula fayyadamaa caalatti isinitti tole nutti himaa
* Saanduqa galtee barreeffamaa aanu keessatti, fuulli fayyadamaa faayidaan isaa xiqqaa ta’e nutty himaa yookan akkaataa meeshaa kana fooyya’aa ittiin taasisuu dandeenyu nu gorsaa.
* Yeroo xumurtan, batanii **Finish** jedhu irratti cuqaasudhaan dubdeebii keessan nuuf ergaa.

Dubdeebii darbee darbee akka barbaaddanitti nuuf kennuu dandeessu. Ji’oota muraasa darban keessatti dubdeebii tokkoyyuu nuuf hin kennineyoo ta’u gucni atattamaan ol mul’ifamee dubdeebii akka kennitan isin gaafata. Yoo guutuuf fedhii hin qabaanne salphumetti **X** irratti gubbaa harka mirgaa guca kanaa irratti cuqaasaa.

Guca Dubdeebii

{% hint style="info" %}
Waa’ee muuxannoo keessanii nutti himaa

Giddugala kanatti hanga kam itti quuftan?

Baay’ee itti quufera                               Baay’ee Itti hin Quufne

Fuulli fayyadamaa addatti isin jaalattan yookan haala adda ta’een fayyadaa ta’e jiraa?

Qubeewwan yoo baay’ate 1,200

Fedhii keessan guutudhaaf giddugala kana akkamitti fooyyessuu dandeenya?

Qubeewwan yoo baay’ate 1,200

Xumuraa
{% endhint %}

## 1.6 Sanadoota gargaarsaa argadhaa

Gubbaa menu irratti **Help** irratti cuqaasaa, sana booda galteewwan kana banuudhaaf **Help Documentation** irratti cuqaasaa.

Menuu gargaarsaa

{% hint style="info" %}
Menuu gargaarsaa
{% endhint %}

## 1.7 Deeggarsa argadhaa

Yoo rakkoon isin muudate fakkii deeggarsaa gubbaa menu jiru irratti cuqaasudhaan sana booda [Support](#id-1.7-deeggarsa-argadhaa) irratti cuqaasuun deeggarsa gaafachuu dandeessu. Kunis guca dhimmicha akkaataa armaan gadiitiin gabaasuu akkaataa armaan gadiitiin isiniif bana.

* Menuu gadee keessaa sadarkaa ariifachiisummaa filadhaa
* Dhimma isin muudate hamma isiniif danda’ame gadi fageenyaan ibsaa
* Batanii **Submit** irratti cuqaasaa.

{% embed url="<https://vimeo.com/932613206/edcb72665f?share=copy>" %}
Deeggarsa argachaa \[suur-Sagalee]
{% endembed %}

## 1.8 Dhimmoota hubannoo naannoo(Localization issues)

Hoji geggeessaa AgUnity Co-op afaan Ingiliffaatiin ala fayyadamaa jirtu yoo ta’e fi barreeffama afaan Ingiliffaatiin, burjaajessan ykn haala sirrii hin taaneen turjumaaname Iskiriinii irratti yoo argitan dhimmicha gabaasuuf [support feature](#id-1.7-deeggarsa-argadhaa) fayyadamaa.

# Agent Instructions
This documentation is published with GitBook. GitBook is the documentation platform designed so that both humans and AI agents can read, navigate, and reason over technical content effectively. Learn more at gitbook.com.

## Querying This Documentation
If you need additional information that is not directly available in this page, you can query the documentation dynamically by asking a question.

Perform an HTTP GET request on the following URL with the `ask` and `goal` query parameters:

GET https://doc.agunity.com/hub-om/1.-buuusa-hoji-geggeessaa-co-op.md?ask=<question>&goal=<user_goal>

`ask` is the immediate question: it should be specific, self-contained, and written in natural language.
`goal` is what the user is ultimately trying to achieve, the reason they need the answer. Sharing it helps GitBook give you a better, more relevant answer. A goal is most helpful when it describes the outcome the user wants rather than restating the question. For example, with `ask=how do I create an API token`, a goal like `build a script that syncs our docs to a CMS` lets GitBook tailor the answer to that use case.

The response will contain a direct answer to the question and relevant excerpts and sources from the documentation.

Use this mechanism when the answer is not explicitly present in the current page, you need clarification or additional context, or you want to retrieve related documentation sections.